ODAA BISIL – Wiirtuu Bokkuu Gadaa Maccaa ....Kutaa 2ssoo fi Xumura

ODAA BISIL – Wiirtuu Bokkuu Gadaa Maccaa ....Kutaa 2ssoo fi Xumura

ODAA BISIL – Wiirtuu Bokkuu Gadaa Maccaa Kutaa 2ssoo fi Xumura =========== Oromoon Maccaa dagaagee guddatee Odaa Bisil irraa damee horatee yoo deemu, Odaa Bisilitti kan hafe, Shanan Maccaa keessaa hortee hangafaati. Hangafti hortee Maccaa Liiban. Liibantu qeyyetti hafe. Ilmaan Sadeen Liiban immoo: Ammayya, Walisoo, fi Kuttaayeedha. Arfan Maccaa hafan (Jahan Jaawwii, Torban Guduruu, Torban Daallee (Daadhii), fi Arfan Jiddaa) ammoo fagaatanii damee Odaa Bisil irraa magarfatanii turan. Wiirtuuwwan kunneenis: Odaa Hullee, Odaa Doogii, Odaa Bulluq fi Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo jedhama). Kanaa malees, Wiirtuun Bokkuu Cittuu fi Bokkuu Xulee, ilmaan torban Kuttaayee keessatti argamu. Goojjam keessaa hanga Matakkal fi Walbaraatti Oromoon qubatanii jirani ammoo tarii wiirtuu Gadaa itti gaggeeffachaa turan kan mataa isaanii qabaachuu malu. Iyyaafatanii qorachuun dirqama dhaloota kanaati! Oromoo Matakkali fi Walbaraa akkuma Oromoo Walloo hiddaa fi biyya isaa Oromiyaa irraa fageessuu/kutuuf shirri Sirni Habashaa taasisaa jiru laayyoo miti. Gaafa Dhaloonni ofitti deebi’ee Sirna isaa Gadaa ijaarrate garuu Oromoon impaayera tana keessatti eessayyuu jiratu Oromiyaan ala ta’uu hin danda’u. Sababni isaa Sirni Gadaa Oromoo hidda latiinsaa qofaan ijaare osoo hin ta’in, lafaa fi lafeedhaan akka addaan hin baanetti walitti ijaare. Lafti Oromoon irra jiraatu hunduu walqabataadha! Rakkoon har’a furachuu tabba nutti taate tun gaafa SIRNA keenya deebisnee ijaarrachuurratti xiyyeeffannee qabsoo jabeessine laayyoo taati! Iyyaafannoo waggaa 11n dura Wiirtuu Gadaa Maccaa kan ta’an Odaa Bisil fi Hora Bisil Osolee irratti taasisnee Kutaa 2ssoo suur-sagalee kanarraa hordofaa… Video Link:    • ODAA BISIL – Wiirtuu Bokkuu Gadaa Maccaa ....   ARSADII – Miidiyaa Sirnaa